Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atlileetiin Lammii Beelaarus Biyya Ofiitti Deebi’uu Diduun Embasii Poolaand Seente


Kiristiinaa Tsimanoyuskayaa, atileetii biyya Beelaruus
Kiristiinaa Tsimanoyuskayaa, atileetii biyya Beelaruus

Atleetiin lammii Belaaruus garee olompkii biyya isheen fedha koo ala akkan deemun dirqisiisame jechuun xayyaara biyya isheetti deebi’u koru erg diddee guyyaa tokko booda dhimmi Olompikii irratti walitti bu’iinsa biyya ofii waliin jiruun kan ka’e Wiixata har’aa gara embasii Poolaand seenuun miliqxe.

Kan umuriin waggaa 24 Kiristiinaa Tsimanoyuskayaa poolaanditti dahata siyaasaa kan gaafattu ta’uu, kan ishee waliin wal arge miseensi hawaasa Beelaaruus kan naannoo sanaa beeksisee jira. Angawoonni qoonsilaa Poolaand yaada kennuuf ykn haala isaa mirkaneessuuf gaaffii dhiyaateef deebii hin kennine.

Angawaan ministriin dhimma alaa Poolaand Marsiin Pirizydaasiiz ergaa twitter irratti barreessaniin Tsimanoyuskayaa/simaa-nus-kaayaa/ yoo hojii ishee spoortii poolaand keessatti itti fufuun filannoo ishee ta’e visa namoomaa argachuu ni dandeessi jedhan.

Dorgommii fiigichaan beekamtuu kan taate atleetiin un, konkolaataa hin beekamin tokkoon gagala sa’a shan irratti embasicha dhaqxe. Meeshaa spoortii akkuma baadhatteti ennaa embasicha seentu angawoota lama nagaa gaafachuun gara keellaa embasichaa seenuun beekamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG