Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’een nageenyaa naannolee Affaar fi Somaalee akka isa yaaddesse Konishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibseera


Faayilii -Dura taa'aa Konishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa, Daani'eel Baqqalaa

Bakka naannoleen Affaar fi Somaalee naaf ta’uu qaba jedhanii irratti wal lolaa jiran , magaalaa Gadamayituu YKN Gerba’iise ti badiinis lubbuu namaa fi qabeenyaa irratii gahaa jiru, akkasumas haalii namoottan qe’ee isaanii irraa buqqa’aa jiranii, akka isaa yaaddesse Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Komishinichii dhimma kana irratii ibsaa dheengada baaseen , naannoleen lamman bakkeewwaan irratii wal lolaa jiran 3 keessa tokko kan taate Gadaamayituu ykn Garba’iisee irraa jiraattonii 3000 qe’ee irraa buqa’uu isaanii ibsee, haallii nageenyaa waan tasgaba’waa hin taaneef lubbuu namaa fi qabeenyaa irratti badiinsa qaqqabee addaan baasuun akka hin danda’amnee himeeraa.

Namootan midhaan irra gahee kan daawwatan itti gaafatamaa itti a’aanaan waajjira walquunnamtii naannoo Somaalee obbo Mehamad Roobilee ibsa VOA dhaaf kennaniin namoonii 3000 bu’qauu isaanii mirkaneessanii magaalii wal dhabiinsii irratii uumame yeroo ammaa umnoota addaa naannoo Affaar jalaa akka jiru himaniiru.

Namoonii qe’ee isaanii irraa buqqa’an magaala Mulii fi gandoottan naannoo Sanaa adda adda keessa akka qubatan kan himee ibssii Komishiinii mirgaa namoomaa Itiyoophiyaa, gargaarsii namoomaa buqqa’otaa kanaaf taasifamaa jiru akka addaan hin cinne hubachiisee, mootummaan feederaalaa fi mootummaan naannolee lammanii waltii bu’iinsaa irra deddebi’ee mullachaa jiruu ambisuudhaaf akka waliin hojjatan gaafachuu isaa gaabaasin gabaasaan radiyoo sagale Amerikaa Addis Chekol qindeessee ibseeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG