Xurree ittiin seenan

Breaking News

Midhamtoonni Gaalikomaa 40 ol Hospitaala Dubtii keessatti waldhanamaa jiru


Faayilii - Miseensa humna addaa Afaar Bisobaar, Tigraay, Muddee 9, 2020
Faayilii - Miseensa humna addaa Afaar Bisobaar, Tigraay, Muddee 9, 2020

Naannoo bulchiinsa Affaar keessaati kan argamuu buufataa baqattootaa Galiikoomaa jedhamuu irrati balaa qaqqabeen namoonii midhaan irra gahe 40 ol ta’an hospitaalaa magaala Dubtii keessatti walladhanamaa jiru.

Gabaasaan Raadiyoo sagalee Amerikaa Masifin Arragee kan haasofsiise Hojii geggeessaan Hopitaalaa dubtii Doktoor Mehaamad Yasuuf akka jedhaniitii Adoolessa 28/2013 haleellaa rawwatame Kanaan daa’iman, dubartooni fi jaarsoliin midhamaniiru.

Afaan Yaa’iin mana maree Mootummaa naannoo affaar adde Amiinaa Seekoon gama isaaniitiin akka jedhanti ijoollewan 107, haadholeen 89 fi maan guddoonii 44 balaa Kanaan du’aniiru.

Nannoo affaaritti har’aa jalqabee Guyyootan 3f labsiin gaddaa labsameeraa.

Haleellaa gareen adda bilisumaa sab Tigiraay akka raawwate himamee Kanaan, ganda baadiyyaa kalawwaa keessaa lola baqatanii mooraa baqattootaatii dhessuu isaanii kan VOAti himan abbaan maatii tokko akka jedhanti balaa mooraa baqatootaa irra gahee Kanaan lubbuu mucaa isaan fi haadha warraa isaanii dhabuu isaanii dubbatniiru.

Gandoottan Yaaloo, Kelloo fi Gataa jedhaman irraa lola baqatanii namoottaa moraa baqattotaa Gaalikoomaa keessa qubatan 30,000 keessaa namoonii 200 balaa haleellaa Kanaan du’uun isaanii gabasameera.

Dubbi himaan Adda bilisummaa saba Tigraay Geetachewu Raddaa fuulaa Tiwuutarii isaanii irratti ergaa dabarsaniiruu jedhameen haleellaa Affaar keessaatti mooraa baqattootaa fi kuusa midhaan gargaarsaa irratii kan raawatee loltootaa mootummaa warra baqachaa turan malee dhaabaa isaanii akka hin taane himaniiru.

Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa dhimmichaa qorachaa akk jiru ibsuun isaa beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG