Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoon Amaaraa Humni Karaa Waldiyaa Lo’ee Seenuuf Yaale Of Irra Deebi’e Jedhe


Naannoo Amaaraa karaa Nefas Mewucaa fi Waldiyaa humni lo’ee seenuuf yaalee ture, of irra akka deebi’u ta’e jechuu dhaan waajjirri paartii badhaadhinaa har’a beeksisee jira. Itti gaafatamaan waajjira paartichaa obbo Abraaham Allehenye, haala yeroo naannoo sanaa ennaa ibsan paarlaamaa biyyattiin garee shororkeessaa ta’uun kan ramadame gareen TPLF Itiyoopiyaa keessumaa Amaaraa weeraraa fi itti marsaa jira jedhan.

Gondar kibbaa Nefaas Mewucaa fi kaaba Walloo naannoo Waldiyaan seenuuf kan yaale humni kun humna uummaticha, humna addaa fi raayyaa ittisa biyyaan of irra deebi’e kan jedhan obbo Abrahaam, naannolee weerare keessaa dubartoota humnaan gudeeduu dhaan maanguddoota irraan dararaa geesisee dargaggoota ajjeesaa jira jechuun himatan.

Uummanni Amaaraa olola kijibaa kan TPLF ittiin jedhan dhiisee biyya oolchuuf waliin hiriiruu qaba jedhan jechuun Aster Misgaanaaw gabaasteetti.

Kan Addi Bilisummaa Uummata Tigray (ABUT) ‘Humna Ittisaa Tigiraay’ jedhee waamuu fi mootummaan federaalaa immoo ‘qaama gurmuu shororkeessaa’ ittiin jedhuuf dubbi himaa kan ta’an obbo Geetaachoo Reddaa kaleessa dhimmootii yeroo irratti Tigraay TV dhaaf ibsa kennaniin, ibsi naannoo Amaaraa amma iyyuu adda waraanaa Raayyaa jedha. Raayyaa keessa simmbirri iyyuu hin jirtu yeroo ammaa, Waldiyaa keessas akkasuma jedhan. Waldiyaan dachii walabaa ti. Uummatichi ofiin of bulcha.

Hojii sabatiinsa eeguu hojjetaa jira. Mersaan dachii walaboome. Haa ta’u malee naannoon Amaaraa ibsa baaseen Mersaa bilisa baasne jedha. Eenyu irraa? Eenyutu bilisa baase? Akka gaariitti kijibu. Nama tuffatu jechuun isaanii ni yaadatama.

Yaadawwan Ilaali (6)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG