Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Garee Mormituu Zaambiyaa Filannoo Prezidaantummaa Injifachuun Labsame


Hoogganaan garee mormituu ijoo kan Zaambiyaa Hakayindee Hichileemaa sagalee dhibba irraa harka 50% ol argachuu dhaan filannoo prezidaantummaa injifachuun labsame.

Komiishinni filannoo Zaambiyaa Wixata har’aa magaalaa galma mootummaa, Lusaakaa keessaa akka beeksisetti Hichileemaan sagalee miliyoona 2.8 yoo argatan prezidaant Edgaar Lunguu immoo sagalee miliyoona 1.8 argataniiru.

Kan umuriin waggaa 59 Hichileemaan nama daldalaa dureessaa fi hoogganaa paartii tokkummaa misoomoa biyyoolessaa dorgommii prezidaantummaa injifatan. Injifannoon isaanii dinagdee Zaambiyaa kufaa adeeme kan galii alaa biyyattii ijoo ta’e gatiin sibiila diimaa gad cabuu, sharafi biyyattii gad kufuu fi hoji dhabiinsi hammaachuu irraan kan ka’e ture.

Linduguun filannoon sun walabaa fi haqa hin turre jechuun sambata erga sagaleen marsaa duraa lakaa’ame ifa taasisamee booda fudhatama dhabsiisan. Deggertootaa fi miseensota paartii biyya bulchu irrattis hokkarri oofamaa ture jedhan. Haa ta’u malee humnoonni mootummaa Hichileemaan naannolee hedduu keessatti duula filannoo akka hin geggeessine ugguraa kan turan yoo ta’u, leellistoonni mirga namaa mootummaan hiriirri uummataa akka hin geggeessamne akkaan dhorkaa ture jechuun qeeqan.

Linuuguun filannoo bara 2016tiin Hichileemaa injifachuu dhaan marsaa lammataaf aangoo qabatan. Projektiiwwan caasaalee mootummaa isaanii

Bara bulchiinsa isaanii mootummaan hojii bu’uura misoomaa hedduu hojjete jechuun illee boonuun dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG