Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Qilleensa Hamaa Kutaa Yunaayitid Isteetis Gama Kibbaa fi Ripaabilikii Dominikaan Keessatti Rooba Yandoo Dhaqqabsiise


Waaltaan haala qilleensaa to’atu kan Ameerikaa har’a ganama akka ibsetti xayyaaronni naannoo to’atan qilleensi hamaan Fred jedhamu xiqqoo tasgabbaa’eera, garuu dugdee galaana Filooridaa Panhandil keessatti rooba yandoo fi bubbee hamaa dhaqqabsiisa jedhamee eegama.

Bubbee hamaan Fred jedhamu fiigicha isaa kan tasgabbeesse ta’us, garuu ogeessonni tilmaama haala qilleensaa bakakkaa fi bubbee hamaan ka’uu mala jechuun akeekkachiisan.

Ogeessonni kun bakakkaan tokko ykn lama andaara galaana Filoridaa gama dhiyaa ykn Pannandil kaabaa fi kibba gama dhiyaa Joorjaa akkasumas kibba gama dhiyaa Alabaamaa irratti bu’uu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

Gama braatiin bubbee hamaan galaana irraa Grace jedhamu rooba yandoo porto Riikoo gama dhiyaatti dhaqqabsiisuu itti fufee jiraachuu ogeessonni tilmaama qilleensaa gabaasaniiru. Odolattii kana keessatti lolaan bishaanii fi lafti fottqosuun illee dhaqqabuun himamee jira.

Bubbeen kun andaara galaana Haitii illee guutummaa waliin ga’uun illee himamee jira. Haaitiin erga rakkoon siyaasaa biyyattii keessa du’uu prezidaantii biyyattiif sababaa ta’ee booda sambata darbe kirkira lafaa ka biroon miidhaan irra ga’ee jira. Haitiin bara 2010 keessa kan irra ga’e kirkira lafaa irraa hin dandammatin jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG