Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Koolu Galtootaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Namoota Qe’ee Irraa Buqqa’an Deggeruuf Maallaqa Dabalaa Gaafate


Faayilii - Koolu galtoota Itoophiyaa Sudaan jiran, Bara 2020
Faayilii - Koolu galtoota Itoophiyaa Sudaan jiran, Bara 2020

Jarmayaan koolu galtoota kan tokkummaa mootummootaa qubusuma yeroo hatattamaa kanneen Tigraay keessaa biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqqa’aniif dhiyeessuu itti fufuuf deggersa doolaara miliyoona $27 hatattamaan kan barbaadu ta’uu beeksise.

Naannoo sana keessaa uummata miliyoonni 2.1 biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqqa’uu beeksisee jira. Kaan Itiyoopiyaa keessaa baqatanii biyya hollaa Sudaan keessa qubatanii kan jiran yoo ta’u, hedduun immoo keellaalee biyyattii keessa jiru 116 keessa qubatanii jiru.

IOM qubsumaa fi meeshaalee kan nyaataa hin ta’in kan akka uffata halkanii fi meeshaa nyaata itti bilcheessan dhiyeessuuf jecha garee jaarmolii gargaarsaa biyya keessaa fi sadarkaa addunyaa akkasumas dhaabolii tokkummaa mootummootaa 33 ta’an hogganaa ture. Baatii Adoolessaa keessa IOM kaaba Itiyoopiyaa keessatti rakkoo uumameen kanneen miidhaan irra ga’e gargaaruuf doolaara miliyoona $63.4 gargaarsa kan gaafate yoo ta’u kana keessaa doolaara miliyoona $28.7 qofaa argachuu ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG