Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni TPLF Duraanii Kaleessa Mana Murtiitti Dhiyaatan


Galmee Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’el-faa irratti abbaan alangaa himannaa kan irratti dhiyeesse himannaan yakkaa kaleessa mana murttiitti dubbisaan dhageessisameera. Abukaatoleen namoota yakka of irraa ittisanii, maamiltoonni isaanii wabii dhaan akka gad dhiisaman gaafatan. Abbaan alangaa mormee jira.

Abbaan alangaa himannaa kan irratti dhiyeesse namoota 58 fi dhaabolii keessaa kaleessa namoonni 21 irratti himannaa dhiyaate manni murtii ol aanaan federaalaa Lidetaa dhaddachi 1ffaan kan yakkaa shororkaa fi dhaddachi dhimmootii heeraa himannaa sana dubbisaan dhageessiseera.

Himannaan kunis kan agarsiisu gosa lama yoo ta’u inni jalqabaa, himatamtoonni, seera filannoo baasuu fi raawwachiisuun aangoo mootummaa federaalaa qofa ta’ee utuu jiruu, filannoo farra heeraa geggeessuu dhaan, kan beekkannaan seeraa kennameef mootummaa naannoo Tigraay karaa seeraan ala ta’een jijjiiruu dhaan heeraa fi sirna heeraa irratti yakka raawwatameen himatamaniiru.

Himannaan gosa lammataa abbaan alangaa dhiyeesse immoo falaasama himatamtootaa fiixaan baasuuf mootummaa humnaan fonqolchuu yaaduu dhaan, haleellaa raayyaa waraanaa biyyaa gama kaabaa irratti jalqabamee fi duula seera eegsisuutiin dantaa biyyaaf jecha kan hin tarreeffamne lubbuu namaa badee fi qaama namaa fi qabeenya irra miidhaan waan ga’eef jecha, himatamtoonni waliin ta’uu dhaan kaayyoo siyaasaa qabatan galmaan ga’uuf jecha, mootummaa dirqisiisuu yaaduu dhaan hojii qooddatanii miseensota raayyaa ittisa biyyaa fi namoota eenyummaan isaanii hin beekamne kan ajjeessisanii fi iggitanii bakkaa bakkatti geessaa waan turaniif yakka shororkeessummaa dalaganiif himataman jedha.

Manni murtii himannaan sana dubbisaan erga dhageessisee booda, abukaatoleen himatamtootaa maamiloonni isaanii wabiin akka gad dhiisaman iyyata isaan berreeffamaan dhiyeessan irratti gam lamaanuu wal falmii jechootaa geggeessaniiru.

Abbaan alangaa gaaffii abukaatoleen himatamtootaa dhiyeessan mormee jira. Akka falmii abbaa alangaatti himannaan dhiyaate yoo balleessaan itti murame hidhaa umurii guutuu hanga du’aatti kan adabsiisu waan ta’eef manni murtii mirga wabii eegsisuufii hin qabu jedhee jira. Kanneen ragaa ba’anis himatamtootaan waan argamaniif balaa irraan geessisuu akka danda’an abbaan alangaa mana murtiif ibseera.

Abukaatoleen himatamtootaa gama isaaniitiin maamiltoonni keenya raawwatan filannoo qindeessuu fi geggeessuun, raayyaa waraana Tigraay ijaaruun du’a hin dhaqqabsiisne. Du’a kan dhaqqabsiise, lola jalqabame jechuun falman. Seerri shororkeessumaas kan raggaasisame gochi kun raawwate erga jedhamee booda waan ta’eef, seerri boodatti deebi’ee adabuun irra hin jiru jechuun falmaniiru.

Manni murtii falmii gam lamaanii erga dhaggeeffatee booda murtii guyyaa borii gama waajjiraatiin kennuuf beellamee jira. Of irraa ittisuu himannaa sadarkaa duraa kan himatamtootaa simachuuf manni murtichaa Onkoloolessa 22 bara 2014tti beellama qabeera jechuun Meleskachoo Ammahaa Finfinnee irraa gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG