Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Itiyoophiyaa Marsaa 6ffaa Filannoowwan duraa irra akka fooyya’aa ta’e dhaabileen siiviikii himaniiru


Ji’a waxabajjii darbee keessaa kan taasifamee filannoon marsaa 6ffaa biyyoolesaa Itiyoophiyaa haalaa muddamaa ta’e keessaa kan taasifamee ta’us madaalliiwwan idilee adduunyaatiin akka taajabuu danda’an waldaaleen siivikii Itiyoophiyaa himaniiruu.

Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa fi walta’iinsaa dhabilee mirgaa namoomaa Itiyoophiyaatiin waltajjii qophaa’ee irratii filannoon baraan filannoowaan bara darbaan irraa adda ta’uu isaa akka ibsamee gabaasiin Malaskaachoo Amahaa ibseera.

Waltajii kana irratii bakka bu’oonii jaarmiyaalee miti mootummaa ykn siiviikii 5 gabaasaa isaanii kan dhiheesaniiru. Waldaa dubartootaa ogeessotaa seeraa Itiyoophiyaa irraa VOAn kan haasofsiisee Beeteliheem Deguu akka jedhanitti filanichaa bilisaan taajabuu danda’uun isaani fi waan taajaban bilisaan dhiheesuu dandaunn mataan isaa jalqabaa gaarii akka ta’e himaniiru.

Garee qindoomina waldaalee miti- mootummaa Itiyoophiyaa irra Obbo Biruuk Nagaash akka VOAti himaniti , filannoo baranaa irrati waldaaleen siiviikii gahee guddaa taphachuu isaanii dubbatanii,rakkoowan adda adda jiraatanus boordiin Filannoo Itiyoophiyaa filannchaa taasisudhaaf hojiin inni ojatee isaa kanaan duraa irraa adda kan ta’eedhaa jechuudhaan jajaniiru..

Jarmiyaa Gubaa’ee Mirga manoomaa Itiyoophiyaa jedhamu irraa Obbo Xibabuu Hayiluu akka jedhanitti filannoon marsaa 6ffa baranaa filannoo duraanii irraa haalaa fooyya’aa ta’een geggesamuu isaa himanii filannoo egereetiif muudanoo gaariin irraa argaachuun danda’meera.

Filannoon baraana, biyyatii keessaa yemmuu walitii bu’iinssi adda addaa jiruu tasifamuu isaatin alatti paartileen tokko tokkoo hirmaannaa irraa of qusachuu isaaniitiin kan ka’ee filannichaa irratii dhiibaa umuu isaa akka hirmatonii waltajjiichaa dubatan kan hime gabaasini Malaskaachoo Amhaahaa filannoo baranaa irrati namooni miiliyoonaa 40 ta’an hirmaachuu isaanii yaadachiiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG