Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetyis Angawoota Eertraa Irra Uggura Keesse


Faayilii - Ministrii maallaqaa Yunaayitid Isteetis Hagayya. 30, 2020.
Faayilii - Ministrii maallaqaa Yunaayitid Isteetis Hagayya. 30, 2020.

Yunaayitid Isteetis sababaa dhiittaa mirga namaa hamaa Tigraay keessa kan namoonni kumaan laka’aman dhumanii miliyoona lamaa ol qe’ee ofii irraa buqqa’aniin himachuu dhaanangawoota Eertraa irra uggura keessee jirti.

Ministriin maallaqaa Yunaayitid Isteetis ibsa baaseen akka jedhettij, hoogganaa humna ittisaa Eetraa Filipoos Weldeyohaannes, fixiinsa sanyii, yakka dararaa quunnamtii saalaa fi beekaa siivilootatti daandii irratti irratti dhukaasuu himannaaleen jedhan dhiittaa mirga namaa ittiin himataman keessaa ti.

Yunaayitid Isteetis irra deddeebi’uu dhaan loltoonni Eertraa naannoo Tigraay keessaa akka ba’an gaafataa turte.

Tarkaanfiin har’aa kun, Ameerikaa lammiiwwan Itiyoopiyaa irratti dararaa hamaa kan dhaqqabsiise gocha qaanessaa akkasiif kanneen itti gaafataman irra dhiibbaa kaa’uuf murannoo isheen qabdu agarsiisa jechuu dhaan waajjira ministrii maallaqaatti itti daayirekterri to’annaa qabeenyaa Andrea Gacki ibsa kennaniin beeksisaniiru.

“Eertraan hatattamaa fi dhaabbataa dhaan humnootii ishee Itiyoopiyaa keessaa akka baastu gaafannaa, paartileen martiinuu kanneen walitti bu’iinsa kana keessaa harka qabanis lola dhaabuuf marii akka jalqabanii fi dhiittaa mirga namaa akka dhaaban gaafanna jedhan Gacki-n.

Ministriin odeeffannoo Eertraa Yemaanee Gebremesqel bilbilas haa ta’u ergaa barreeffamaa bilbilaan ergameef yaada akka kennaniif deebii hin kenning jiru.

Lolli TPLF fi waraana mootummaa federaalaa gidduutti kan ka’e baatii Sadaasa kessa ture. Mootummaan xumura baatii sanaa erga magaalaa Maqalee qabatee booda injifannoo labsee ture. Garuu TPLF lola itti fufuu dhaan xumura baatii Waxabajjii Maqalee deebisee kan qabate yoo ta’u, loltoonni mootummaa irra hedduunis gamasii ba’anii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG