Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishiiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Dhiittaan Mirga Namaa Naannoo Amaaraa Akka Qoratu Beeksise


Dr. Daani'el Bekele
Dr. Daani'el Bekele

Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa sarbiinsa mirga namoomaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti uumameeraa jedhamee koree qoratu akka ergu beeksisee jira.Magaala Dabre Taaboor keessattis maatii tokko irrati ajjeechaa raawwatames mirkaneeffachuu is aa komishiinich ibseera.

Ibsa komishiinichii fuula masaaritii isaa irratti baase waabeffachuudhaan Gabasin Malaskaachoo Ammahaa ergee akka ibsetti, koreen komishiinichii bobbaasuuf deemu dhimma ajjeechaa, saamichaa fi namoottan nagaa qe’ee isaanii irraa buqqisuu irratii qorannoo taasisa.

Hagayya 13 bara 2013 meeshaa waraanaa ulfaataa gareen adda bilisummaa saba Tigraay/TPLF darbateeraa jedhameen namoottan nagaa lubuun isaanii darbes addaan baafachuu isaa komishiinichii ibsuun isaa gabasaameera.

Akkuma Kanaan balaa Kanaan namoonii lubbuun isaanii darbe Wuddee waalee, Isuubaalewu Dires, Addisalem Dires, Doktoor Serkalem Diresii fi daa’imaa Ji’a 4 Amel Dires akka ta’anif namoottan kireeffatanii jiraachaa turan lamas akka qaama isaanii irrati midhaan gahe ibsi komishiinichaa beeksiseera.

Wal waraansichii amma baballachaa deemuun, midhaan namoottan nagaa irra gahuu waan babalachaa deemuuf gareen wal lolan hunduu namoottan nagaa irratti balaa geesisuu irraa akka of eeggannoo taasisan komoshiinichaa waamichaa atattamaa gochuu isaa gabaasnii Malaskaachoo Ammahaa ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG