Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barreessaa Dureen Tokkummaa Mootummootaa Itiyoophiyaa Ilaalchisee Yaada Kennan


Fayilii - Barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa Antoniyoo Gutarrees
Fayilii - Barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa Antoniyoo Gutarrees

Haala Tigraay keessaa kan ilaaleen kan gaafataman barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa Antoniyoo Gutarrees, jalqabumaa kaasee akka dhimma Tigraay keessaa hordofa akka jiran, mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad waliin dubbachuu isaanii fi Maartiin Griifiz gara Tigraayti erguun, hogganoota ABUT waliin akka dubbatan gochuu isaanii ibsan.

1ffaa, battalumatti dinummaan wal ilaaluun akka dhaabatu, dhukaasa dhaabiinsa waariisa qabu fiduuf haala mijeessuu 2ffaa, gargaarsii dhala namaa iddoo barbaadamee mara akka seenu,3ffaa hundee walitti bu’iinsa kanaaf furmaanni akka argamuuf mar’achuu kanneen jedhan iyyata dhiyeesseen ture jedhan.

Iyyati koo kanaaf jedhu Gutarrees xalayaan hogganaan ABUT anaafis ta’e hoggana gumii walii galaa erganiin deebii gaarii fi guutuu ta’e hin arganne.Mootummaa waliinis qunnamtii tolfannee dhimmicha ilaalaa jirra kanas, itti fuufna jedhan.

Kana malees, yaadoota qaamoota kanneen biroo kan akka gamtaa Afrikaa biraa dhiyaatan ni hordoofna.guutuummaatti kan deggerru yoo ta’u, hojii isaanii guutuummaatti akka hojjachuu danda’aniif qabeenya tokkummaa mootummootaan ni deggeerra jedhan Gutarrees. .

Yaada biyyoota ka biroo kan akka Yunaaytid Isteetes, Tokkummaa Emeereetoota Arabaan dhiyaatan hordofaa kan jirru yoo ta’u hundumaa walitti fiduuf yaalaa jirra jedhan.Wal waraansii dhaabachuu qaba kan jedhan Gutarrees, waan hiika qabu miti, furmaanni humna waraanaan argamuu hin jiru jedhan.

Gargaarsii dhala namaa nama fi iddoo maratti dhaqqabuu qaba. Lammiwwan Itiyoophiyaa rakkoo ofiif marii ofii isaaniin hogganamuu jabaa gaggeessuun deggersa gamtaa Afrikaa fi tokkummaa mootummootaa fi kanneen biroon furachuu dahda’uu qabu Jedhan.

Ammaaf gam lameen dullii waraanaa furmaata akka hin taanee waan hubatan hin fakkaatu kan jedhan Gutarrees, yeroo ammaa gamnii lameen dhiittaa mirga namoomaa hamaa geesisaa jiru jedha.

Kana ilaalchisee dhiyeenyatti gabaasnii ni ba’a, kanas arguu feena jedhan.Tigraay keessatti lammiwwan Itiyoophiyaa rakkachuun isaanii gaddisiisaa dha. Amma garu Tigraay keessa qofa otoo hin taanee naannoo biraattis jedhan.

Tasgabii fi tokkummaa kutaa sanaaf utubaan, Itiyoophiyaa keessatti tasgabii fi tokkummaa jiru ta’u fudhachuu qabna.Kanaaf walitti bu’iinsii kun daangaalee Itiyoophiyaa darbees dhiibbaa qabaata jechuun akkaan yaaddoo guddaa qabna jechuun barreessaa dureen tokkummaan mootummootaa Antoniyoo Gutarrees dubbatanii jiru jechuun Maargareet Bashiir Tokkummaa Mootummootaa irraa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG