Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Haali Tigraay Keessaa Yaaddessaa Ta'uu Beeksise


Dura taa'aa Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Daan'el Baqqalaa (suuraa faayilii)
Dura taa'aa Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Daan'el Baqqalaa (suuraa faayilii)

Haalli gargaarsa namoomaa Tigiraayiin keessa jiru yaaddesaa ta’uu isaa Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsa sambata duraa darbe baasee keessatti beekisiseera.

Naanno Tigiraay bakkeewaan tokko tokko keessatii Tajaajilli Ibsaa deebi’eera. Bakkeewan tokko tokkottis Interneetiin jiraacuu baatus ajaja bulchiinsa naannootiin Tajaajilli baankii akka kenamuu taasifamaa jira.

Tigiraay keessatti tajaajilawan bu’uuraa kan akka ibsaatiif bilbilaa akka mootumaan Feederaalaa addan kutee Addi Bilisummaa Saba Tigraay / HIWEHAT fi dhaabileen gargaarasa Aduunyyaa tokko tokko himaa jiran.

Mootummaan Feederaalaa gama isaatiin tajaajillawan bu’uuraa sana kan maancaasee akka HEWEHAT ta’e ibsee, hojjattoonii wanneen mancaa’an suphuudhaaf bobba’an hidhatoota HEWAHATin akka ajjeefaman hima.

Naanno Tigraay keessatii hanqa’inni midhaan nyaataa fi maallaqaa waan jiruuf namoonnii bakka tokkoo bakka biraatti socho’uu akka hindandeenye kan ibsee Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa, qaamoleen dhimmchii ilaallatu gargaarsii siviilotaaf qaqqabuu qabu akka hin gufannee fi akka fooyya’u waamichaa gochuu isaa gabaasin Kenedii Abaatee irra beekameera.

Barreessaan muummee mootummootaa kamtoomanii Antoniyoo Gutereez ibsaa dheengadha, gabaastuu VOA Maargaareeti Bashiriti wajjin haasaa godhaniin Rakkoon Kaaba Itiyoophiyaa jiru qawweedhaan fala argaachuu akka hin daandeenye gareen lammanuu amma ammaatti waan hubatan natti hin fakkatu jechuu isaanii gabaasn Keneedii Abaatee qopheesse kun ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG