Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Zoonii Gondor Kaabaa Bakka Cinaa Jedhamu Keessaa Gargaarsa Namoomaa Gaafatan


Senaayit Ambaaw, jiraattun Cinaa Taklahaayimaanot, manni ishii dhukaasaa qileensarraan jalaa barbadaahuu dubbatti, Cinaa Taklahayimaanot, Naannoo Amaaraa, Fulbaana 9, 2021

Zoonii Gondor Kaabaa anaa Daabati keessatii haleellaa hidhattoonnii Adda Bilisumaa Ummata Tigraayi raawateeraa jedhameen namoonii miidhaan irra gahee q’ee isaanii irra buqqa’an akkaa gargaasii namoomaa taasifamuuf gafaachaa jiru.

Haleellaa raawwatame kanaan namootin 200 ol ta’an akka du’an fi hidhattoonii HIWAHAT yemmuu guyyoottan Shaniif naannoo sana turan namoottan nagaa akka ajjeesan, qabeenyaa akka saamaa fi mancaasaa turan dubbatana, jiraattotaaf haanga’onni.

Dhimma kana irratti dubbi himaan HEWAHAT dhiheenya kan akka madda oduu Rooyitarisitti himanitii badiinsa sana gareen isaanii raawwahuu isaa haalanii qaama bilisa ta’een akka qoratamu gaafchuun isaanii hin yaadatama jedha, gabaasni Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa ergite.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG