Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moqaadishoo Keessatti Balaan Dhaqqabe Lubbuu Namootaa Galaafate


(suuraa faayilii)

Magaalaa Moqdishoo keessatti dhohiinsii bombii of-wareegdootaan dhaqqabee yoo xiqqaatee namoota 11 ajjeesuu isaa kanneen ijaan arganii fi aangawonni dubbatanii jiran.

Namoonni argan akka jedhanti, of-wareegaan kun mana shayee seenuun dhohiinsa kana dhaqqabsisee.Haleellaan kun ulaa sakata’aa mootummaa Somaaliyaa isa konyaa Waajiir cina jiruutti dhaqqabee.

Iddoon kun durree xayyaaraa Moqaadishoo fi waajiira haadhoo kan humnootii gamtaa Afrikaa (AMISOM) cinatti argama.Kanneen ajjeefaman kana keessa looltootaa fi siviilonni kan jiran ta’u, aangawaan mootummaa dubbatanii jiru. Gareen hidhattoota Al-Shabaab haleellaa kanaaf ittigaafatama kan fudhate yoo ta’u, mummichi ministeera Somaaliyaa Mohammad Roobalee gocha gocha garjabinaa ittiin jedhan kanaaf Al-Shabaabiin balaaleeffatan.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG