Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Somaaliyaa Muummicha Ministeeraa Biyyattii Yeroof Hojii Akka Dhaaban Ajajan


Faayilii - Prezidaantii Somaaliyaa, Abdullaahii Faarmaajoo,
Faayilii - Prezidaantii Somaaliyaa, Abdullaahii Faarmaajoo,

Prezidaantiin Somaaliyaa Abdullaahii Faarmaajoo, muummicha ministeeraa Huseen Rooblee yeroof hojii akka dhaaban ajajuun ibsamee jira.

Prezidaantichi, muummichi ministeerichaa hariiroo hojii prezidaantii waliin hin qaban jechuun qeeqanii murtii hatattamaa fudhachuutti jarjaru jedhan. Waajjirri muummicha ministeeraa hanga yoonaa deebii hin kenning jira.

Namoonni lamaan erga dhiyeenyaa as hojjettuun dhaaba tika nagaa biyyattii Ikraan Tahiliil Faaraah achi buuteen dhabamuu irratti wal falmaa jiran.

Dhaabi tika nagaa biyyoolessaa kan Faarahaan hojjettuuf akka jedhetti, harka Al-Shabaabitti kufuu isheef garee finxaaleyyii kanaan ajjeefamte. Al-Shabaab himannaa sana haalee jira. Farhaan erga Waxabajjii 26 qabee as buuteen ishee hin beekamin jira.

Roobleen manni murtii waraanaa dhimma kana akka qoratu ajajuu dhaan dhaaba tika nagaaf daayirikteera haaraa muudan. Prezidaantichi immoo tarkaanfii muummichi ministeeraa fudhatan fudhatama dhabsiisanii jiran.

Muummichi ministeerichaa komiishina qorannaa kan prezidaantiin dhimma kana akka qoratuuf hundeessan fudhatama dhabsiisuu dhaan, qaamni murtii haqaa mootummaa damee mootummaa sadarkaa ol aanaa irraa walaba ta’uu akka qabu heerri Somaaliyaa kan ajaju ta’uu beeksisan.

Farmaajoon ibsa kamisa har’aa kennaniin akka jedhanitti murtiin dhiyeenya muummicha ministeeraan fudhatame biyyattii rakkoo siyaasaa keessa buusa. Roobleen itti gaafatamaa isaanii kan filannoo fi nageenya ennaa filannoof qaban gara boodaatti dhiisan jechuun Farmaajoon itti dabaluun qeeqanii jiran.

Muummichi ministeerichaa murtii prezidaantichaan irra ga’ameef battala deebii hin kennine. Maddeen muummicha ministeerichaatti dhiyoo ta’an VOA sagantaa Afaan Somaaleef akka ibsanitti, Roobleen yaada isaanii yeroo dhiyootti uummata Somaaleef qooduuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG