Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kolombiyaa Keessatti Namonni 5 Ajjaeefaman


Koloombiyaa keessatti namoonni 5 miseensoota shakkamtoota riphxee looltoota jedhamaniin ajjeefamuu aangawoonni biyyatti Dilbata kaleessaa beeksisanii jiru.

Ajjeechaan kunis baadiyyaa Tumaakoo jedhamtu bakka uummataaf qophaa’ee,kan Naarinoo gama kibbaa keessatti dhaqqabuu waraanni biyyatti beeksisee jira.

Bara 2016 humnootii hidhatan kan waraaqsaa ykn Faark jedhaman waliin Kolombiyaan walii galtee nageenyaa eega mallatteesite as haleellaa hamaa hanga tokko irratti gaggeeffamaa jira.

Hidhattonni kun bakka uummataaf qophaa’ee kana konkolaataan dhufanii namoota adda ituu hin baasiin dhukaasa irratti banuu isaanii waraanni biyyatti ibsa baaseen beeksisee jira.

Namoonni lama achumatti kan du’an yoo ta’u, kanneen biroon 3 rasaasaan rukutamanii hospitaala eega geessamanii booda du’an.Namoonni kan biroon 6 immo mada’auun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG