Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubii Vaayrasii Koronaa Warra Talaalii Hin Fudhanneetti Hammaachuun Ibsamea


Hospitaalonni namoota talaalamuu diidanii fi dhukkubsataa jiraniin guutamuutu himame (suuraa faayilii)
Hospitaalonni namoota talaalamuu diidanii fi dhukkubsataa jiraniin guutamuutu himame (suuraa faayilii)

Kutaalee Yunaaytid istees hanga tokko keessatti faca’inni vaayrasii Koroonaa, hammaachuu isaan kan ka’e Hospitaalonni namoota keessumeessuu danda’an caalee jira jechuun aangawaan waa’ee fayyaa kan sadarkaa olaanaa Dilbata kaleessaa ibsanii jiru.

Daayreekteera waaltaa to’annaa fi ittisa dhukkubootaa Yunaaytid Isteetes Dr Richiil Walanskii Televiziyoona Sii Bii Ees (CBS) jedhamu irratti dhiyaatanii, Yunaaytis Isteetes hanga tokko keessatti caasaan tajaajiila eegumsa fayyaa haala hamaa keessa jira jedhan.

Siree dhukkubsataan irra cisee wal’anamuu hin jiru, kana yeroo ilaaluu kanneen balaan kokolaataa ykn dhibee onnee arifachisaan isaan mudatee yaaliif carraa hin qaban jedhan.. Kanaaf jecha lafa dhukkubii heddumaatuutti haala jabaan hojjataa jirra. Kunis talaalii akka argatanii dhukkuuba isaan mudatuu irraa bayyanachuu akka danda’aniif jedhan.

Hospitaalonni keenya namoota talaalamuu diidanii fi dhukkubsataa jiraniin guutamee jira jedhan.Lakkobsii namoota ituu hin talaalamiin hafanii dhukkubsachuun hospitaala seenan kanneen talaalaman dacha 10 ta’u ibsan.

Kanneen hin talaalamiin jiran carraan du’uuf qaban immo dacha 11 akka guddatuus hubachisanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG