Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan mootummootaa Hojjettoonni Isaa poolisii Itiyoophiyaatiin Hidhaman Akka Gad Dhiisaman Gaafate


Tokkummaan mootummootaa Hojjettoonni Isaa poolisii Itiyoophiyaatiin Hidhaman Akka Gad Dhiisaman Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00

Humnoonni naga eegumsa mootummaan Itiyoophiyaa lammiiwwan Tigraay hedduu deggertoota TPLF jechuu dhaan kanneen shakkaman irratti tarkaanfii fudhataniin, dhalattoota Tigraay walitti qabuun hidhuun gabaasamee jira. Kunis kan dhaga’ame ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken gareeleen martinuu lola dhaabanii haala biyyattii keessatti ta’aa jiru akka jijjiran ennaa gaafatanitti.

Tokkummaan mootummootaa hojjettoonni isaa fi konkolaachistoonni hedduun kanneen kontraataan tokkummaa mootummootaa fi gareelee gargaarsaa kanneen biroof hojjetan akka hiikaman barbaada. Angawoonni Itiyoophiyaa kanneen kana

to’annaa jala kan oolchan labsiin yeroo muddamaa labsamee torban tokko booda.

Dubbi himaan muummicha barreessaa kan tokkummaa mootummoota Istiifen Dujaarik, lakkoobsi hojjettoota tokkummaa mootummootaa hidhamanii kan ani amma of harkaa qabu sagal. Akka isaan hiikamaniif mootummaa waliin mar’annee hojjechuu itti fufna. Yoo xiqqaate namoonni 70 konkolaataa oofuuf kontraataan mindeeffaman illee hidhamanii jiraachuu gabaasi nu dhaqqabee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG