Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Sudaan Hamdook Aangootti Deebisuuf Walii Gale


Suuraa Kaawunsiilii walabaa ka cehumsaa Sudaan irraa argame, jeneraalli ol-aanaan Sudaan fi Muummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdook dokimaantii walii galtee angootti deebi'uu qabatanii
Suuraa Kaawunsiilii walabaa ka cehumsaa Sudaan irraa argame, jeneraalli ol-aanaan Sudaan fi Muummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdook dokimaantii walii galtee angootti deebi'uu qabatanii

Kan aangoo irraa kaafamuun isaanii torbanneenii fi jeeqama dhiiga dhangalaasise dhaqqabsiise booda muummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdook mootummaa sivilii akka hooggananiif waraanni Sudan bakkatti isaan deebisee jira.

Hamdook gara aangootti kan deebi’an dhiibaa ta’een kan ka’e fakkaata. Akka isaan yaadanitti waraanaaa fonqlcha mootummaa Onkoloolessa 25 raawwateen haalli jiru to’atamus adeemsicha keessatti hirmaachuun gaarii dha. Waraanichis Hamdookiin aangootti deebisuun mootummaa waraanaan hoogganamuuf beekkumiti kenna tarsiimoo jedhu fayyadaman.

Hoogganoonni sivilii fi waraanaa akka jedhanitti akka qaama walii galtee waraanaa fi paartilee siyaasaa akkasumas paarticha guddaa Umma gidduutti ta’ee angawoonni mootummaa fi namoonni siyaasaa erga Onkoloolessa fonqolchi mootummaa geggeessamee qabee hidhaman hiikamuuf jiru.

Hamdook kaabinee ofii isaa danda’e akka hoogganan angawoonni beeksisaniiru. Walii glteen kun akka irra ga’amuuf tokkummaa mootummootaa, Yunaayitid Isteetisii fi kanneen biroo qooda muteessaa qabaataniiru.

Fonqolchi mootummaa sun qeeqa sadarkaa addunyaa kan dhaqqabsiise yoo ta’u, Yunaayitid Isteetis, michoonni isaa fi tokkummaan mootummootaa haleellaalee farra mormii fonqolcha mootummaa sana irratti geggeessame balaaleffatanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG