Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warreen Alaa Lammiiwwan Isaanii Itiyoophiyaa Keessaa Akka Ba’an Gaafachuu Itti Fufan


Magaala FInfinnee (Suuraa faayilii)
Magaala FInfinnee (Suuraa faayilii)

Humnootii raayyaa ittisa biyyaa Itiyoophiyaa fi ripxe loltoota gidduutti waraanni geggeessamaa jiru gara Finfinneetti siqaa jira jechuu dhaan Yunaaytid Isteetis, Ferensaayii fi Jarmaniin lammiiwwan isaanii Itiyoophiyaa keessaa akka ba’an kanneen yaadachiisan biyyootii ka birootti dabalamanii jiraachuun gabasamee jira.

Tokkummaan mootummootaa gama isaan miseensonni maatii hojjettoota isaa Itiyoophiyaakeessa jiraii haala isaan gamasii itti ba’an balalii mijeessuufii isaa ifa taasisee jira.

Gama biraan prezidaantonni biyyoota hollaa Keeniyaa fi Afriikaa kibbaa dhukaasa dhaabiinsi yeroo hatattamaa akka tolfamu kanneen gaafatanitti dabalamaniiru.

Haalli nageenyaa Itiyoophiyaa akkuma hammaataa adeemeen, waan ta’uuf jiru ilaalchisee yaaddoon jiru illee dabalaa adeemuu gabaasaaleen ibsaa jiran. Haalli nageenyaa yoo hammaate, humnoonni addaa Ameerikaa lammiiwwan biyya isaanii fi hojjettoota embsiif eegumsa akka godhan qophaa’uu isaanii CNN gabaasee jira.

Gama biraan Yunaayitid Isteetsitti jila addaa gaanfa AFriikaa kan ta’an Jefirii Feltman kalessa tuuta oduuf ibsa kennaniin qaama mara gara walii galtee lola dhaabinsaa irra ga’uuf fooya’inni argameera jedhan. Feltman walitti bu’iinsi waraanaa sabatiinsaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa balaa irra akka hin buune yaaddoo jedhu qabaachuu isaanii ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG