Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Tole Jennaan Nutis Ni Muteessiina: Angawoota Amerikaa 


Iraan waliigaltee bara 2015 tolfamee kan sagantaa Nukleera ishee akka hanqiiftuuf gaafatu sana akka hojii irra olchiituuf kan dhiibaa jiran aangawoonni Yunaaytid Isteetes, Iraan biyyoota addunyaa irratti humna guddaa qaban waliin Viyeenaa keessatti dubbachuuf yoo muratte nutis guyyoota keessatti murteessiina jedhan.

Iraan waa’ee kanaa yoo dhugumaan itti yaaddii ta’e guyyaa tokko ykn lama keessatti beekuuf jirra jechuun, ministeerrii dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan kamiisa kaleessaa Stookoolma keessaa ituu hin ka’iin, oduu gabaastootaaf ibsan.

Xinxaltonni hangii tokko akka jedhanti, Iraan tooftaa adda addaa gargaaramuun walii galtee bara 2015 tolfamee hojii irra oolchuuf karoota walii galaa baafamee irratti marii gaggeeffamuu dheereessuun dhiibbaa kana jalaa miliquu dandeessi.

Yunaaytid Isteets fi Iraan marii kallattiin hin taanee wiixata dabree Viyeenaa keessatti kan jalqaban yoo ta’u, biyyonni biroos maanguddummaan gamnii lameen gara walii galtee tolfamee tureetti akka deebi’an barbaadu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG