Manni maree bakka bu’oota uummataa kan Yunaaytis Isteetes kan bara bulchiinsa prezidaant Traamp waayit Hawuus keessatti itti gaafatamaa kan turan Maark Meedoos irratti himannaan mana maree kabajaa dhorkuu jedhu irratti ni dhiyaata yoo ta’e har’a sagalee kennuu jedhamee eegama.
Ministeera haqaa biraa dhiyaachuun filannoo bara 2020 gaggeeffamee kan Traamp itti injifataman keessatti qooda qaban akka ibsaniif waamicha dhiyaate diidanMeedows.
Koreen Kongrasaa kan Deemookraatoota 7 fi Ripaablikaanoota 2 of keessaa qabu, Wiixata kaleessaa sagalee guutuun Medoows irratti himannaan yakkaa dhiyaachuu qaba jechuun murteessan.
Medoos Televiziyoona Faaks jedhamu irratti Wiixata kaleessaa galgala akka jedhanti, murtiin koree kanaa mufachisaa ta’uus, waan hin eegamne miti jedhan.
Kun dhimmi Traamp fi ammas isa faana dhahaa jiranii dha jedhan.