Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Amma Iyyuu Yaaddessaa Ta’uu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise


Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa, Stephane Dujarric (suuraa faayilii)
Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa, Stephane Dujarric (suuraa faayilii)

Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa kaleessa ibsa kennaniin, haalli Itiyoophiyaa gama kaabaa tilmaamuu kan hin danda’amnee fi laaffataa ta’ee, amma iyyuu naannolee hanga tokko keessatti walwaraansi geggeessamaa jiru dhiyeessii gargaarsa namoomaa irraan dhiibbaa kaa’eera jedhan. sababaa namoonni hedduun qe’ee ofii irraa buqqa’aniif jecha, fedhiin gargaarsa namoomaa guddaa dha.

Xumura baatii Fulbaanaa irra uummanni miliyoonni 2.1 kaaba Itiyoophiyaa irraa qe’ee irraa buqqa’uu isaanii jarmayaan koolu galtoota addunyaa beeksisee jira. Kunis miliyoonni 1.8 Tigraay keessaa, 542,000 ol naannoo Amaaraa irraa akkasumas kanneen 255,000 ol ta’an dhiironni dubartoonnii fi ijoolleen naannoo Affaar irraa buqa’antu keessatti argamu.

Erga Fulbaanaa qabee sababaa lola jiruun kan ka’e, lakkoobsi namoota biyya ofii keessatti naannoo Amaaraa fi Affaar keessaa qe’ee ofii irraa buqqa’anii ol ka’ee jira, garuu sababaa daandiin jiru murtaa’aa ta’e akkasumas rakkoolee ka biroof lakkoobsa sirrii adda baafachuu hin dandeenye jedhan.

Konkolaataan gurguddaan 20 ta’an kanneen midhaan nyaataa fe’atan wixata darbe Meqelee ga’anii jiran, kunis karaa daandii naannnoo Affar-Abala-Maqalee argame irraan ba’uun ture. Konkolaataan 40 ka biroon immoo kaleessaa fi har’a gamas seenu jedhamee eegama jedhaniiru.

Guyyootan xiqqoo daban keessa jarmayaan gagaarsa daa’immanii/UNICEF talaallii gifiraa fi meeshaalee kanneen biroo gara Tigraayitti yoo ergu kanaanis ijoollee 790,000 ta’antu tallaaamuuf jiru. Haa ta’u malee boba’aan duula talaallii kanaa jalqabuuf barbaachisu hin argamin jira.

Gama biraan hanqinni roobaa naannolee Soamaalee if Oromiyaa hongeef saaxiluuf deema, namoota miliyoona 5.8 ta’us kanaan kan ka’e dhiibbaan irra ga’uu kan mala jedhan Stephen Dujaric.

Michoonni gargaarsa namoomaa haalli hojii rakkisaa ta’us fedhii gargaarsaa Itiyoophiyaa keessaa hammaataa adeemeef deebii kennuu itti fufaniiru. Yeroo ammaa hanqinni maallaqaa doolaarri biliyoonni $1.2 kan jiru ta’uu dubbi himaan kun beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG