Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota Vaayiresii Koronaan Qabamaanii Dabalaa Deeme


Namoota qorannoo vaayrasii koronaatif Hiriiran, Niiw Yoorki (suuraa faayilii)
Namoota qorannoo vaayrasii koronaatif Hiriiran, Niiw Yoorki (suuraa faayilii)

Kan haaraa gabaasame lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan qabamanii kan ji’a lama darbe irraa dacha dabaluu, kanneen keessaa immoo kan akkaan daddarbu vaayiresiin Omikroon jedhamu Yunaayitid Isteetis keessaa namoota koronaan qabaman harka afur keessaa sadii qabuu ilaalchisee, barbaachisummaa talaallii COVID-19 fi weerara kanatti duuluuf mootummaan isaanii tarkaanfii haaraa inni fudhataa jiru prezidaan Joo Baayiden har’a ibsuuf jiru jedhamee eegama.

Haasaa isaanii kana dura White House biraa ibsi kenname akka jedhetti Baayiden, kilinikiiwwan fi keellaalee qorannaa koronaa kan federaalaa kutaalee biyyattii hedduu keessatti hojii irra ooluu ilaalchisee akkasumas mana keessatti kan qorannaa ittiin geggeessan miliyoona 500 kanneen ta’an lammiiwwan Ameerikaaf raabsuun baatii Amajjii keessa jalqabamuuf yaalii taasisamu illee beeksisuuf akka jiran ibsee jira.

Kaka’umsi haaraan kun, dhukkubsattoota koronaan qabamaniif kunuunsa fayaa gochuuf meeshaa hafuura baafachuu gargaaru dhiyeessuu akkasumas hojjetoota eegumsa fayyaa irraa ittisuffu maaskii, gloovii fi gaawoonii dhiyeessuu dabalata. Dandeettii hospitaalota mootummaa guddisuu akkasumas loltoota ogeessota fayyaa gara hospitaalotaatti bobbaasuuf kan hojjetamu ta’uu White House ibsee jira.

Dubbi himtuun White House Jane Saakii kaleessa tuuta oduuf ibsa kanneeniin akka jedhanitti, ergaan Baayiden inni ijoon barbaachisummaa talaallii COVID-19 kan waaltaan to’annoo fi ittisa dhukkubootaa akkaan dhukkubsachuu fi du’a ittisa jedhe irratti ta’uuf jira.

Akka galmee CDCtti Yunaayitid Isteetis keessaa namoonni miliyoonni 204 guutummaan kan tallaalaman yoo ta’u, miliyoona 60 kanneen ta’an immoo humna talaallichaa kan cimsu fudhataniiru.

Vaayiresiin Omikroon Yunaayitid Isteetis Keessatti Hammaataa Jiraachuun Gabaasam

Kutaa Yunaayitid Isteetis kibba gama dhiyaa Teeksaas keessatti namni argamu tokko Ameerikaa keessatti hammaataa kan adeeme vaayiresii haaraa Omikroon jedhamuun nama du’e isa jalqabaa ta’uu mala.

Angawoonni eegumsa fayyaa konyaa Harris akka jedhanitti, namni umuriin isaa waggaa 50moota keessa jiru talaallii kan hin fudhanneef dhukkuba kanaan wal qabatee dhibeen fayyaa waan isa mudateef rakkoo hamaa vaayiresii koronaan dhufuuf akka saaxilamu isa taasisee jira.

Waaltaan to’annoo fi dhukkubootaa Yunaayitid Isteetis kaleessa akka jedhetti vaayiresii haaraan kun akkaan faca’aa waan jiruuf hanga sambata darbeetti namoota haaraa qabaman dhibba irraa harki 73 vaayiresichaan qabamaniiru. Kunis kan torban isa duraa irra dhibba irraa harka ja’aan caala. Magaalaa New York fi kutaalee Yunaayitid Isteetis kibba gama bahaa fi walakkeessa dhiyaa akkasumas paasifik kaaba gama dhiyaa keessaa dhibba irraa harki 90 kan ta’u vaayiresii Omikrooniin qabamuu CDCn beeksisee jira.

Akka ibidda bosonaatti faca’aa kan jiru vaayiresiin Omikroon, angawoonni Yunaayitid Isteetis uggura kaa’amee ture bakkatti akka deebisan ykn seera haaraa akka baasan kakaasaa jira.

Washington DC keessaa kantiibaa kan ta’an Mureil Bowser mana keessatti qajeelfama maaskii kaayyachuu bakkatti yoo deebisan, bulchaan magaalaa Boston Michelle Wu immoo wixata itti aanuu qabee jiraattonni manneen daldalaa kan akka bakka spoortii itti hojjetan, manneen dhugaatii, manneen nyaataa fi bakka bashannanaa ennaa seenan ragaa tallaalamuu isaanii agarsiisuu akka qaban labsanii jiru.

Hospitaalonni guutummaa biyyattii ammas irra deebi’uun dhukkubsattoota COVID-19n kan guutaman yoo ta’u, hanqinni nersootaa fi hojjettoota eegumsa fayyaa kanneen biroon haala isaa wal xaxaa taasisee jira.

Kan baatii darbe Afriikaa kibbaa keessatti argamee fi faca’inni isaa ariifataa kan ta’e vaayiresiin Omikroon, yeroo ammaa biyyootii 90 keessatti argamuun isaa, hoogganaan jaarmayaa fayyaa addunyaa Teedroos Adhaanoom kaleessa namoonni ennaa ayyaana dhaloota Yesoos fi waggaa haaraa dhufaa jiru imala geggeessan akka hambisan yaadachiisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG