Xurree ittiin seenan

Breaking News

Roytars Waa’ee Naannoo Nafaas Mawucaa Maal Gabaase ? 


Naannoolee Addi Bilisummaa Uummata Tigraay duraan toatanii tranii fi booda irra raayyaan ittisa biyyaa gadhiisiisan kan daawwate Roytars akka gabaaseetti,yeroo wal waraansii jalqabee magaala Maay Kaadraa keessatti hokkarri gosaa jalqabuu ibsee jira.

Umriin isaa 28 kan ta’e Daaqoon Betsihaa Dereesee akka Roytarsiif ibseetti, humnootiin ollaa kan Tigraay Nifaas Mewcaa waan seenanii nu irratti dhukaasuu jalqaban kanaaf hedduminaan fiigneee bosoonatti dheessine. Garu hiriyyaan isaa fi Daaqonii kan ture Mulaat Aynekulluu Mekonnen kitaaboota isaa kan amantii fudhachuuf deebi’e.

Guyyaa sadii booda yeroo bataskaanatti deeebi’uu umriin isaa 35 kan ta’e Mulaatiin rasaasaan dhahamee reeffa isaa argee jedhe.Awwaallii isaas Nefaas Mewucaa keessa jira.

Hogganaa waajiira bulchiinsa magaalaa kan ta;an Ballaxee Asraatee, akka jedhanti looltonni Tigraay magaalatti keessatti siviloota dhiira ta’an 27 ajjeesan.siviloonni ajjeefaman hidhannoo hin qaban turan jedhu hunduu.

Namnii ka biraan garu kanneen ajjeefaman keessaa hangii tokko meeshaawaraanaa qabu turan.Ajjeechaa kana garu ijaan kan argan hin jiran.

Namoonnii magaalatti akka jedhanti dubartoota 70 caalaatu waraana Hiwaatiin gudeedamee, Roytars akka jedhutti isaan kana keessaa 3 waliin akkasumas hojjattoota eegumsa fayyaa, aangawoota naannoo fi abbootii alangaa fedeeraalaa waliin wal argee jira.

wal argee jira.

TPLF barreefama kana irratti yaada akka kennuuf gaafatamee deebii hin laannee kan jedhu Rooytars dararaa dhaqqaban jedhaman mara keessaaharka hin qabnu, qorannaa walaba addunyaan haa gaggeessuu jechuun isaa ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG