Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antoonii Bliikan Prezidaantii Keniyaa Waliin Dubbatan


Ministeerrii dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliina waliin har’a kan dubbatan yoo ta’u, kunis haala Itiyoophiyaa fi kan prezidaantii Keniyaa Uhuruu Keenyaattasomaaliyaa keessaa dabalatee, dhimmi nageenya kutaa irratti fedhii gam lameenii irratti ta’uun ibsamee jira.

Itiyoophiyaa keessatti dinummaan wal ilaaluun hatatamaan dhaabachuu akka qabu, gargaarsii dhala namaa dhorkaa tokko malee seenuu akka qabu, dhiittaa mirga namoomaa fi seera cabsuun xumuura akka argat akkasumas, walitti bu’iinsa jiru irratti mari’achuun furmaatii argamuu qaba isa jedhu irratti walii galan.

Kraa prezidaant Keenyaataa fi gaanaf Afrikaatti jila addaa gamtaa Afrikaa Olusheeguun Obasaanjoon yaalii araaraa gaggeeffamu Amerikaan jabeessitee kan deggertu ta’u Bliinkan ibsanii jiru.

Somaaliyaa kan ilaaleen filannoon paarlaamaa fi prezidaantii battalumatti gaggeeffamuu akka qabu, kunis hojii seeraan alaa irraa walaba ta’u akka qabu, Bliinkan hubachiisan.mummicha ministeera somaaliyaa hojii irraa dhaabuuf yaalii ta’e Amerikaan akka mormiitu, gamnii hundumtuu tarkaanfii haala jiru hammeessuu fi ibsa baasuu irraa akka of-qusatan Bliinkan ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG