Kutaa Kordfaan dhiyaa kan Sudaan keessatti, laftii duraan Waree qotaa turan tokko jiguu isaan yoo xiqqaatee namnii 38 ajjeefamuu, aangawoonni biyyatti ibsanii jiru.
Kaampaaniin albudaa kan mootummaa biyyatti ibsa baaseen, lafa ama cufamee jiru kanatti balaan kun kan dhaqqabe Kibxata kaleessaa yoo ta’u, ganda magaalaa Kaartuum irraa gara kibbaatti fageenya Kiloo Meetra 700 irratti argamtuu keessatti ture.
Kaampaaniin kun akka jedhutti, iddoon kun kan hojjataa hin jirree ta’uus garu namoonnii naannoo kanneen albuudaa qotan, waardiyyonni iddoo sana eegaa turan gadhisanii eega deemanii booda, hojjachuuf itti deebi’an.
Garu yoom hojjachuu akka dhaabee kaampaaniin kun hin ibsine.Namoota lubbuun hafanii fi kanneen du’an hojiin baasuu itti fufee jira jedhameera.