Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABUT Qofti Dhimma Tigraay Gaggeessuu Hin Qabu:Paartilee Tigraay


Dhimma Tigraay ilaalchisee mariin gaggeeffamu kam iyyu Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) qofaa isaa gaggeessuu hin danda’auu jechuun/ paartileen Tigraay 3 ibsa baasaniin beeksiisan.

Salsaay Wayaanee Tigraay, Baaytonaa akkasumas Wudib Natsinaat Tigraay ibsa baasan Kanaan hawaasnii addunyaa wal waraansii karaa nagaan akka xumuramuu yaalii taasisaa jiru ni diinqiisiifanna jedhan.

Rakkoon jiru karaa nagaa akka furamuu, haleellaa samii irraa Tigraay irratti gaggeffamu hawaasnii addunyaa akka dhaabsisuu, gargaarsii dhala namaa danqaa malee akka seenu akkasumas, biyyootii walitti bu’iinsa kana keessa harka galfatan ittiin jedhanis, gocha kana irraa akka of qusatan gochuun tarkaanfii qabatamaan akka fudhatamuuf gaafatan.

Nagaan waarinsa qabu kan argamuus, paatileen Tigraay keessaa hundaa fi humnootii Tigraay hunda marii hirmaachiseen ta’u hubachisee jira.Hawaasnii addunyaas kana hubachuun deemsa nageenyaa gaggeessuu qaba jechuu isaanii Mulugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG