Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaan Nyaata Addunyaa Daarfuur Keessatti Gargaarsii Saamamuu Ibs


Hidhattonni Sudaan man-kuusaa jaarmayaa sagantaa addunyaa seenuun, gargaarsa nyaataa meetriik tonii 1900 Daarfuur keessaa saamanii jiru.Hokkarri Daarfuur gama dhiyaa keessaa hammachuu aangawoonni Robii kaleessa ibsanii turan.

Mgaalaa guddoo Daarfuur kan taatee El Faashar keessa kanneen jiraatan akka jedhanti, gaafa Kibxataa galgala, lafa gargaarsii nyaataa ka’amee jiru sanatti dhukaasa jabaatu dhaga’amaa ture.

Dhukaasa sana booda aangawoonni naannoo halkan sanaaf labsii sochii ugguura hojii irra oolchan jechuun, dhaabatti oduu mootummaa Sunaan gabaasee jira.

Dhukaasa wal irraa hin cinnee dhaga’aa turre jechuun jiraataa naannoo kan ta’e Mohammad Salem dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesiif ibsee jira.

Angawaan sagantaa nyaata addunyaa akka jedhanti, gargaarsa nyaataa namoota akkaan midhaman lubbuu olchuuf jecha kuufamee ture kana hagam akka hatamee qoratamaa jira.

Sudaan keessatti nama 3 keessaa 1 gargraasa dhala namaa barbaada jechuun sudaanti qindeessaan gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa dubbatanii jiran.

Bulchaan Daarfuur Minii Minaawii saamiinsa kana balaaleeffachuun, kanneen itti gaafatamoo ta’an seera duratti dhiyaatu jechuun Twitarii irratti barreessan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG