Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Itiyoophiyaa fi Kanneen Hidda Dhalata Biyyatti Ta’an Finfinnee Seenuu Jalqaban 


Biyyoota alaa adda addaa keessa kan jiraatan kuma hedduun Finfinnee seenuu jalqabuun isaanii ibsamee jira.Kunis mootummaan gaaffii dhiyeesseef deebii kennaniin ta’uun ibsamee jira.

Umriin isaa 36 ta’u fi Kolombas Ohaayoo keessa akka jiraatu kan dubbatu Korsoo Kojii akka jedhutti, hiriyyoota waggaa dheeraaf biyya alaa keessa turanii fi tokkummaa Itiyoophiyaatti amanan qaba.walii wajjiin deemna jedhee jira.

Hogganoonni Itiyoophiyaa miseensoonni daayaasporaa Miliyoona tokkoo gara biyya ofiitti dhufanii ayyaana qillee kaasee hanga ayyaana cuphaatti kabajuu abdii jedhu qaban.

Baatii Sadaasa dabree waamicha kana kan dhiyeessan mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad, Kibxata dabree daawwattoota daayaasporaa ergaa Twiitarii irratti barreessaniin simatanii jiru.

Obboloonni koo dhiiraa fi durbaa kanneen afeerraa dhiyaateen gara biyyaatti dhuftanii lammummaa keessan agarsiiftan baga nagaan dhuftan jedhan.

Waamichii kun kan dhiyaatees, biyyonni akka Amerikaa, Faransaayii, Jarmanii, fi Tarkii baatii tokko dura lammiwwan isaanii akka Itiyoophiyaa keessaa ba’an eega gaafatanii booda.

Kunis wal waraansii humnootii fedeeraalaa fi ABUT giddutti wal waaraansii gaggeeffamaa ture, Finfinnee dhaqqaba sodaa jedhuun ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG