Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buliinsa Naannoo Amaaraa Keessatti Manneen Murtii 61 Barbada’anii Jiran:Angawaa


Prezidaantiin mana murtii walii galaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Abiye Kaasaahuun akka jedhanti, humnii weeraraa Tigraay ittiin jedhan, godinaalee 8 naannoo sana keessaa to’atee yeroo tureetti, manneen murtii 61 guutummaatti barbadeessuu isaa ibsan.

Kanaafis jecha qabeenyaan Miliyoona 100 fi miliyoona 40tti tilmaamamuu barbadaa’uu isaa , galmeelee yakka manni murtii ilaalaa turee dhabamuu isaanii ibsanii, mala adda addaa gargaaramuun hojiin galmeelee kana barbaadu gaggeeffamaa jira jedhan.

Kana malees biyyoota rakkoon wal fakkaataan isaan mudatee irraa muxannoo fudhachuuf karoorrii jiraachuu Ibsan.

Baatilee hedduuf bulchiinsa nannoo Amaaraa keessatti addaan cite kan ture tajaajiillii haqaa naannolee wal waraansii gaggeeffamaa turees dabalatee jalqabamuu isaa ibsan jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG