Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Hiriirtonni Ajjeefaman


Humnootiin nageenyaa kan Sudaan kamiisa kaleessaa uummata kuma kurna hedduu mormiif ba’e keessaa dhukaasanii 4 ajjeesuun isaanii madden wal’ansa fayyaa beeksisanii jiru.

Kunis bulchiinsa waraanaa jiru irratti mormii akka hin baaneef ittisuuf jecha, hidhaa humnootiin nageenyaa gaggeessanii fi qunnamtii jiru dhaabachuu mormuun kanneen hiriiran irratti ta’u beeksisan maddeen kun.

Waraannii Sudaan baatii Onkolooleessa dabree kaasee aangoo eega qabatee as, qabsaa’onni Demookraasii deggeran daandilee irratti mormii gaggeessan itti fufanii jiru.

Hiriirtoota irratti tarkaanfiin fudhatamuu kun hanga ammaatti yoo xiqqaatee, lubbuu namoota 52 kan galaafatee kan jedhe koreen walabnii kan Doktoroota Sudaan, ofii isaa iyyu qaama sochii Demookraasiif gaggeeffamuu kanaa ta’u beekamee jira.

Humnootiin nageenyaa kamiisa kaleessaa Omdurmaan keessatti namoota 4 rasaasaan ennaa ajjeesan kurha hedduu madeessan jedha koreen kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG