Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorannaan Yaada Uummataa Yunaayitid Isteetis Dimookiraasiin Biyyattii Yaaddeessa Tahe, Jedha  


FAAYILII - Wajjira Mana Maree Yunaaytid Isteets naannessaa abaaboo kahame, Amajjii 15, 2020
FAAYILII - Wajjira Mana Maree Yunaaytid Isteets naannessaa abaaboo kahame, Amajjii 15, 2020

Qorannaan yaada uummataa gaheessota Yunaayitid Isteetis qorachuun geggeessame akka agarsiisutti, irra-jireessi lammiwwan yaada isaanii kennanii, dimookiraasii fi ol aantummaan seeraa biyyattii keessatti haala yaaddessaa keessa galuu dubbatan.

Namoota yaada isaanii madda oduu CBSf kennan, kanneen har’a bahiin isaa beeksisame keessaa dhibba irraa harka jaatamii jaha kanneen tahan dimookiraasiin haala yaaddessaa yokaan waan akkasii keessa jira, ka jedhan yoo tahu, kanneen dhibba irraa harka soddomii sadii tahan ammoo, dimookiraasiin biyyattii amansiisaa dha, jedhan.

Waggaan tokkoffaan Amajjii 6, guyyaa deggertoonni prezidaantii duraanii, ka Doonaald Traamp, otuu seera-tumoonni Yunaayitid Isteetis prezidaantummaatti filatamuu Jooy Baayiden raggaasisuuf walga’iitti jiranii gamoo “Capitol Hill” yokaan waajira mana-maree Yunaayitid Isteetis irratti haleellaa geggeessan ga’uuf yeroo guyyoonni xiqqoon hafanitti qorannaan yaada uummataa akun geggeessame.

Nsmoota qorannaa yaada uummataa sanaaf deebii kennan keessaa dhibba irraa harki saddeettamii sadii, namoonni hookkaraan waajira mana-maree biyyattii seenuun gochaa sirrii miti, jedhan. Irra-caalaan isaanii, gochaan sun akka hookkara lootee-seentummaa, godhaa mootummaa Yunaayitid Isteetis humnaan garagalchuu yaaluu, yokaan filannoo garagalchuudhaan prezidaant taayitaa irra tursiisuu yaaluu akka tahetti kan ilaalan yoo tahu kaan garuu, akka mormii daangaa isaa dabreetti dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG