Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroo Vaayirasiin Omikiroon Addunyaa Irratti Babal’ate Kanatti Biyyoonni Tarkaanfiilee Adda Addaa Fudhataa Jiran 


Hoospitaal a biyya Hindii keessaa kutaa namoonni vaayrasii Omikoorniin qabaman itti yaallaman, Muddee 6, 2021
Hoospitaal a biyya Hindii keessaa kutaa namoonni vaayrasii Omikoorniin qabaman itti yaallaman, Muddee 6, 2021

Vaayiresiin Koovid Omiikiroon yeroo guutummaa addunyaa waliin ga’aa jiru kanatti Hindiin har’a ijoollee soolana umuriin isaanii waggaa kudha shanii haga kudha saddeetiif talaalii kennuu eegaltee jirti.

Akkasumas, ministiriin fayyaa biyyattii, har’a ibsa baaseen sa’atiilee 24 dabran keessatti lakkoobsi namoota haaraa Koovidiin qabamanii kuma 33 fi dhibba 7 fi 50 tahuu beeksisee jira. Faransaay ammoo lakkoobsa namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa deeme hanqisuuf jecha, seera ugguraa haaraa hojii irra oolchuu jalqabdee jirti. Namoonni iddoo tokko walga’ii taa’an alatti kuma shan akka hin caalle, mana keessatti kuma lama akka hin caalle ka daangessu seera haara kana keessatti argama.

Maddi oduu Kooriyaa Kibbaa Yonhaap har’a akka gabaasetti, biyyattiin namoota yeroo duraatiin vaayirasii Omnikirooniin du’an galmeessuu ishee beeksisee jira. Namoonni du’an lama umuriin isaanii sagaltamoota keessa waan taheef, duuti isaanii kallattiidhaan dhibee vaayiressichaa tahuun akka hin mirkanaa’iin dubbata – maddi oduu sun.

As Yunaayitid Isteetisitti kan argamu, Waaltaa Koronaa Vaayirasii irraa gabaasaan har’a ganama bahe akka agarsiisutti, guutmmaa addunyaa irratti namoonni Koovidiinn qabaman Miliyoona dhibba lamaa fi miliyoona sagaltama, kanneen dhukkubichaan du’am ammoo miliyoona shanii fi qabxii afur tahuu tu galmeessame. Lakkoobsi talaalii raamsamee biliyyoona sagal tahuus waaltaan kun har’a beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG