Yeroo Addunyaan babal’achuu vaayirasii Koovid – akaakuu “Omniikiroon” jedhamuun yeroo wal’aansoo qabuu itti fufee jiru kanatti Saayintistoonni Faransaay immoo akaakuu vaararsii Koovid haaraa kan akkaataa baay’eetti of jijjiiruu danda’u argachuu isaanii dubbatan.
Baatii Mudde darbee keessa akaakuu vaaresichaa argachuu ka dubbatan - Ogeeyyiin qorannaa fayyaa dhaabbata IHU Meditraaniyaan Infection jedhamu, ka Marsiyeel keessaa hojjetan, namoota 12 irratti vaayirasicha arguu isaanii fi kanneen keessaa tokko biyya Afrikaa Waaltaa keessa jirtu – Kaameruunitti imalee ka deebi’e tahuu ibsan.
Vaayiresichi akaakuu haaraa si’a 46 of jijjiiruu kan danda’u tahuu kan eeran saayintistoonni Faransaay, kun akaakuu vaarasii Koovid ka jalqaba mul’ate caalaa taalaalii dura ka dhaabbatuu fi kan namatti daddabru tahuu ibsan.