Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dararaan Dhalattoota Tigraay Saudii Irraa Deebi’anii Akka Dhaabatu Gareen Mirga Namaa Gaafate


Angawoonni Itiyoophiyaa kan dhiyeenya Saud Arabiyaa irraa ari’ataman dhalattoota Tigraay kumaan laka’aman walitti qabanii hidhuu darararuu fi achi buuteen isaanii akka dhabamu godhan jechuu dhaan gareen mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch har’a beeksisee jira.

Saud Arabiyaan dhalattoota Tigraay haala hamtuun qabuu fi gara Itiyoophiyaatti erguu dhaabee bakka isaa jarmayaa baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa eegumsa akka godhuuf gargaaruu qaba jedhee jira.

Angawoonni Itiyoophiyaa dhalattoota Tigraay kanneen Saud Arabiyaa irraa deebifaman waaltaalee hidhaa Finfinnee bakka kanneen kaan seeraan ala itti hidhamanii jiranitti dabarsan. Dhalattoota Tigraay kanneen biyyatti deebifaman kana angawoonni keellaa sakatta’aa daandii Tigraayitti geessu ykn buufata xayyaara Semeraa kan naannoo Affaar keessaatti erguu dhaan gara keellaalee hidhaa Affaar keessaa ykn Itiyoophiyaa gama kibbaatti dararsanii jiran jedha ibsi Human Rights watch kun.

Human Rights Watch irraa qorattuu dhimmootii baqataa fi koolu galtummaa kan ta’an Naadiyaa Hardman akka jedhanitti mana hidhaa Saud Arabiyaa keessatti dararaan kan irra ga’e koolu galtoonni dhalattoota Tigraay gara Itiyoophiyaatti ennaa deebi’an mana hidhaatti naqamaa jiru. Saud Arabiyaan kanneen balaa irra jiran dhalattoota Tigraayiif eegumsa gochuu qabdi jechuu dhaan Itiyoophiyaan dhalattoota Tigraay kanneen walitti qabuun hiite gad dhiisuu qabdi jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG