Yeroo Amajji 6, waggaa tokkoffaan deggertoonni prezidaantii duraanii Doonaald Traamp Waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetis “Capitol Hill” jedhamu cabsanii itti seenuun miidhaa itti geessisan har’a yaadamaa jirutti, Abbaan-alangaa muummichi ka biyyattii – Meerik Gaarlaand, abbootiin alangaa ministirii murtii haqaa Yunaayitid Isteetis aangawoota sadarkaa fedheeyyuu ta’an – kanneen hookkara bara dabreef itti gaafatamoo tahan faana dhahanii ka seeratti dhiheessan tahuu dubbatan, gabaasaa guutuu caqasaa.