Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Ameerikaa Barnoota Koollejii Qaban Hiriyoota Horchuu fi  Qofummmaanis Itti Hin Dhaga’amu Jedha Qorannaan Geggeessame


Digirii koollejii qabaachuun galii ofii guddisuu caalaa nama gargaaruu mala. Barnoota sadarkaa ol aanaa argachuun maatii daran fedhiin isaa guuteef qabachuu akkasumas jireenya hawaasummaa illee fooyyessuu mala. Qorannaan dhiyeenya gegeessame akka mul’isutti, namoonni koollejii dhaa eebbifaman hiriyoota hedduu horachuuf carraa isaan qaban ol aanaa yoo ta’u, hiriyoota isaanii kan dipplomaa mana barnootaa sadarkaa lammataa ykn isaa gad qabanii gad qofummaan itti dhaga’ama.

Walumaa gala, lammiiwwan Ameerikaa hanqina hiriyaatu isaan mudatee jira jedhu waaltaa qorannaa jireenya lammiiwwan Ameerikaa fi miseensa institiutii “American Enterprise” jedhuuf daayiriktera kan ta’an Dani’el Cox.

Nuti lammiiwwan Ameerikaa jalqaba bara 190mootaa irra lakkoobsa hiriyoota qabnu irra kan amma qabnu xiqqoo dha jedhan. Namoonni hangi tokko garuu keessumaa akkaan qofaa ta’aa waan deemaniif miidhamaniiru jedhu COX. Kanneen keessaa daran kan miidhaman ka duraa dhiirota yoo ta’an. Kan lammataa immoo namoota digirii koollejii hin qabaannee dha jedhaniiru.

Waaltaan qorannaa jireenya Ameerikaa namoota 5,054 waliin bona darbe gaaffii fi deebii geggeesseen, lammiiwwan Ameerikaa kanneen digirii koollejii daran hriiroo hawasummaa kan qaban yoo ta’u hirimaannaa lammummaa qaban keessattis daran irmaatu, hawaasa ofii keessatti illee kanneen degerii koollejii hin qabaanne caalaa daran hirmaannaa qabu. Kanaaf kanneen koolejii dhaa eebbifaman kun ilaalchisee hagas qofummaan ykn moggaatti qoodamuu itti hin dhaga’amu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:51 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG