Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaazaakistaan Keessatti Namoota Mormiif Ba’an Keessaa Hedduun Ajjeefamanii kaanis Hidhaman:Mootummaa 


Kaazaakistaan keessatti hiriira mormii gaggeeffameen namoota ajjeefaman 164 keessaa micayyoon umriin 4 kan keessa jirtu ta’u aangawoonni biyyatti beeksisanii jiru.Namoonni 5800 hidhamuus ibsan.

Mormii kana dhaabsisuuf jecha prezidaantiin biyyatti ajaja dhukaasaa ajjeesaa jedhu kan kennan yoo ta’u, kunis humnootiin nageenyaa akeekkachiisa tokko malee hiriirtoota irratti dhukaasa akka banan aangoo kenneef.

Hogganaan Kaazaakistaan kana malees, Raashiyaa fi prezidaant Putiin hiriira kana akka dhaabsiisan gaafatan.Raashiyaa fi biyyonni biraas waraana isaanii erguun deebii kennaa jiru.

Gatiin boba’aa dabaluu isaan kan ka’e uummanni kan hiriiran yoo ta’u, abbootiin irree biyyatti bulchuu isaaniin gammachuu hin qaban.

Ministriin dantaa alaa kan Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan akka jedhanti, Kaazaakistaan seeraa fi sirna eegisuuf akkasumas mootummaa eeguuf dandeetti qabu.

Garu kana gochuuf mirga namoota nagaan hiriiranii kabajuun akkasumas, yaaddoon qaban kan dinagdee fi kan siyaasaa hangii tokko deebii argachuu qaba jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG