Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Baayidan fi Abiy irratii Waayiit Haawus ibsaa baase


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetisii fi Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa marii bilbilaan taasisan ilaalchisaee Ilaalchisee Waayit Haawus Barreeffaman ibsa baasee jira.

Prezidaant Joon Baayiden, Muummicha Ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad wallin dhimma walitti-bu’insa Itiyoophiyaa keessatti deemaa jiruu fi carraalee nagaa fi araara buusuuf jiran irratti bilbilaan dubbachuu isaanii kan himee ibsii kun

Prezidaant Baayiden hidhamtoonni siyaasaa hedduun gidduu kana gad-lakkisamuu isaaniitiif Muummicha-ministaraa Abiyyiin kan galateeffatan yoo tahu, hoogganoonni lameen karaawwan itti mariin jajjabeessamee gara waliigaltee lola dhaabinsaatti geessamu irratti, guutummaa Itiyoophiyaa keessa gargaarsi namoomaa karaa raabsamuu danda’u banuun dhimma hariifachiisaa tahuu irratti, dhimma lammiwwan Itiyoophiyaa labsii yeroo hatattamaatiin hidhaa jiranii dabalee yaaddoo mirga namoomaa lammiwwan biyyatii qaban karaa furuun danda’amu irratti akka haasa’an ibseera.

Haleellaalee xiyyaara waraanaa dhiheenya geggeessaman dabalee, hookkarawwan geggeessamaa jiran ilaalchisee yaaddoo qahan kan ibsan Prezidaant Baayiden Yunaayitid Isteetis Gamtaa Afrikaa fi michoota naannoo waliin tahuudhaan akka walitti-bu’insi Itiyoophiyaa karaa nagaa furamu gargaaruuf ka cichitu tahuu irra-deebi’uun akka mirkaneessan ibsii waayit Haawus eeree jira.

Hoogganoonni lameen barbaachisummaa hariiroo Yunaayitid Isteetis fi Itiyoophiyaa gidduu, dhimmoota hedduu irratti walii-tumsa cimusuu fi walitti-bu’insa furuuf barbaachisummaa hojii-qabatamaa irratti cimsanii dubbatanii jiran, jedha barreeffamni Waayit Haawus irraa har'a bahe .

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG