Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Yuukireen irraatti U.S fi Raashaan marii irra jiru


Yunaayitid Isteets fi Raashaan dhimmaa biyyaa Yuukireen irratti marii <<Dhugaadhaa fi Iftoominaa>> irratii hundaa’ee jedhan akka jalqabaniif Raashiyaan waraanaa ishee 100,000 ta’u daangaa Yukireen irraa qubachiisuu ishee ibsii kaleessaa Waayit haawus irraa bahe beekiseera.

Itti gaafatamtuun dhimma preesii Waayit Haawus Jeen Saakii akka jedhanitti muddamaa babalachaa deemaa jiru furuudhaaf Raashiiyaan haala waraanaa babaldhisuudhaa manna tarkaanfii Dipilomaasii fudhatii jedhanii akka abdii qaban ibsaniiru.

Raashaan waraanaa ishee 100,000n sana yoo garaa mooraa waraanaatti deebsuudhaaf fedhii agarsiifte muddamichaa laafisuudhaaf fala tokko akka ta’uu danda’u himaniiru Jeen Sakii.

Itti gaafatamtuun dhimaa preesii Waayit Haawus Jeen Saakii akka dabalanii ibsanitti, marii Yunaayitid Isteet fi Raashiyaa gidduutti marsaa sadiin taasifamuuf karoorfame keessaa ,inii lammataa gaafa Amajjii 12 magaalaa Biraasels keessatti, gaafa Amajjii 13 immoo Magaala Veeyinaa keessatti dhimmaa Yukireen irraatti taasifama.

Itti aantuun Ministeeraa dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Wiindii Sheermaan dhimmaa Raashiyaan akka Yuukireen Miseensaa dhaabbataa walgaltee Atilaantiik kaabaa ykn NATO hin taanee irrati qabduu ilaalchisee , yaada kennaniin Yuniiyitid Isteets kan jabeesitee itti yaaddu ta’uu isaa ibsuun isaanii gabaasameera.

Itti aanaan ministeeraa dhimmaa alaa Raashiyaa Sergee Riyaabkoov gamaa isaaniitiin, biyyii isaanii Yukireeniin wareeruuf fedhiidhaa fi yaada akka hin qabne kaleessa ibsanii, sochiin waraanaa daangaa irra jiru eenyuunuu yaaddesuu akka hin qabne dubbataniiru.

Waree Raashiyaa irraa itti dhufuu danda’uu sodaa kan qabdu biyyii Yuukireen akka miseensa NATO ta’uu barbaaddu gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG