Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhamtoonni Siyaasaa Gad Dhiisamuu Ilaalchisee Mootummaan Ibsa kenne


obbo Leggesee Tulluu
obbo Leggesee Tulluu

Hoogganoota TPLF duraanii dabalatee hoogganoota paartilee siyasaa kanneen biroo hidhaa dhaa kan gad dhiisaman hooggana biyyattii sadarkaa adda addaa waliin mari’atamee walii galtee irra erga ga’amee booda jechuu dhaan mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Ministeerri tajaajila kominikeeshinii mootummaa Leggeseee Tulluu tuuta oduuf ibsa kennaniin, akka hangi tokko dubbatan murtii namoota dhuunfaa kan mootummaa keessa jiranii hanga tokkoo miti jechuun ibsaniiru. Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden muummichi ministeeraa Abiy Ahimed hidhamtoota beekamoo hidhaa dhaa gad dhiisuu isaanii galateeffataniiru.

Haa ta’u malee hoogganoonni TPLF duraanii hidhaa dhaa gad dhiisamuun namoota siyaasaa Itiyoophiyaa keessa jiraniin mormiin isa dhaqqabee jira. Mootummaan dantaa biyyoolessaa waliin kan wal rukutu murtii kam iyyuu akka hin murteessine uummatichi akka hubatu Leggeseen gaafataniiru jechuun Kenedii Abaatee gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG