Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinssi Daangaa Yukireen Irraa Ijoo Marii NATO fi Raashiyaa ti


Itti aantuu ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Wendy Sherman marii NATO fi Raashiyaa ilaalchisuun Burssels keessatti tuuta oduuf ibsa ennaa kennan(AP Photo/Olivier Matthys)
Itti aantuu ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Wendy Sherman marii NATO fi Raashiyaa ilaalchisuun Burssels keessatti tuuta oduuf ibsa ennaa kennan(AP Photo/Olivier Matthys)

Raashiyaa fi NATOn muddama daangaa Yukireen fi Raashiyaa irra jiru xiqqeessuu mala danda’amu irratti marii geggeessuuf roobii har’aa Biraasels keessatti wal arguuf jiru.

NATON loltoonni Raashiyaa naannoo Daangaatti walitti qabamuun nageenya Awrooppaa miidha jechuun morme. Raashiyaan gama isheen kan gamtaa biyyoota 30 qabu babal’achuu ilaalchisee wabii nageenyaa kan barbaaddu yoo ta’u biyyoonni daangaa ishee irra jiran kan kan akka Yukireen bakka bu’umsa qabaachuun yaaddoo ta’uu ibsitee jirti..

NATOtti ambaasaaddera Yuaayitid Isteetis kan ta’an Juuliyaan Ismiiz marii har’aa dura tuuta oduuf ibsa kennaniin, NATOn diplomaasiin haal jiru tasgabbeessa yoo ta’e arguuf cichaan hojjeta, walumaa gala akeeki marii kanaa balaa jiru xiqqeessuu, iftoominni jiraachuu, to’annaa meeshaa wraaanaa fi mala adda addaa nuti ittiin wal mari’annuu dha jedhan.

Ismiiz Yunaayitid Isteetis michummaa isheen Yikireen waliin qabdu ibsuu dhaan, tarkaanfiiwwan Raashiyaan fudhattu rakkoo jiru hammeessa, kanaaf michoonni NATO weerara Raashiyaa itti dabalaa ittisuuf qophee dha jedhan.

Raashiyaan tarkaanfii waraanaa hordofti yoo ta’e, uggura dinagdee cimaa dabalatee deebii kennuuf qophee ta’uu keenya Kiremiliniif ibsinee jirra jedhan Ismiiz.

Akka wal taatotaatti humna ittisaa gama bahaan jiru cimsuuf qophee dha, haleellaa Raashiyaan Yukireen keessatti raawwattuufis dhiibbaa cimaa kaa’uuf qophoofnee jirra jedhan.

Wal ga’iin roobii har’aa diplomaatota Yunaayitid Isteetisii fi kan Awrooppaa kallattii dhaan angawoota Raashiyaa waliin haala Yukireen waliin jiru ilaalchisee dubbachuuf carraa yeroo sadaffaaa ti. Dhaabi nageenyaa fi wal ta’iinsa Awrooppaa illee kamisa borii Vienna keessatti wal arguuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG