Roobii har’aa Abunichi kaatolika Roomaa Pope Fraansis, ijoolleen taphachuun irra ture, akka ga’eessotaa hojiitti bobba’uu ykn waan gurguratn barbaacha bakka dikee itti gatan qotuun isaanii suukaneessaa dha jechuu dhaan mootummoonni ijoolleen hojii humnaaf bobbaafamuu akka morman gaafatanii jiru.
Firaansis haasaa walii gala torbaniin dhageessisaniin akka jedhanitti biyyoota hedduu keessatti namoonni karaa sirnaa hin ga’iin humni isaanii saamamaa, dinagdee harka lafa jaaan walitti qabamuu fi bu’aa ykn kuunuunsa seeraa utuu hin argatiin hojjetu jedhan.
Kanneen hojii dhaan miidhaman ijoollee hojii akka hojjetaniif dirqisiissaman haa yaadnu kan jedhan abunichi kun waan suukaneessaa dha jedhan.
Jaarmayaan hojjettootaa kan sadarkaa addunyaa akka jedhetti, gabaasa waggaa darbe ba’een lakkoobsi ijollee hojii humnaaf bobbaafamanii bara 2020 keessa guutuu addunyaa irraa miliyoona 160n dabale.
Gbaasi jaarmiyichi jarmayaa gargaars daa’immanii UNICEF waiin baase akka ibsutti, ennaa weerarri COVID-19 jalqabe yeroo jalqabaaf waggaa 20 keessatti yaaliin humna ijoollee saamuuf taasiame dhaabatee kan kana dura turetti gad deebi’ee jira jedha. Motummoonni namni martinuu hojjetanii nyaata akka argatu carraa kennuufii qaba. Hojiin nama maraaf kabajaa kenna jedhaee jira. Akka gabaasa jarmayaa hojjettotaa kan sadarkaa addunyaatti Afriikaan addunyaa eessaa lakkoobsa ijoollee ol aanaa qabdi, kunis miliyoona 72 yoo ta’u, dhibba irraa harki 43 hojii balaa qabu hojjetu.