Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Naannoo Gambeellaa Dhimma Nageenyaarratti Dubbachuuf Sudaan Kibbaatti Imalan


FAAYILII - Adabaabaayii Magaala Gaambeelaa, Bara 2019

Pireezidaantiin Naannoo Gaambellaa Obbo Umod Ujuluu hidhattoota biyya ollaa sanaa Sudaa Kibbaa irraa daangaa qaxxaamuranii naannoo isaanii keessatti haleellaa raaw’atan ilaalchisee aangawoota Juubaa jiran waliin dubbachuuf har’a gara sanatti imaluu isaanii Mootummaan Naannoo Gaambellaa beeksise. Akka hoogganaan Waajjira Sekreetariyaatii Preesii naannichaa, Obbo Ugeetuu Adiing Sagalee Ameerikaatti himanitti, Pireezidaantiin Naannichaa, Obbo Umod aanga'oota Mootummaa Sudaan Kibbaa wajjin dhimma hidhattoota Murilee Sudaan Kibbaa irraa daangaa cehanii jiraattota Gaaambellaa irratti haleellaa raawwatanii mari'achuuf gara sana deeman.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Prezidaantiin Naannoo Gambeellaa Dhimma Nageenyaarratti Dubbachuuf Sudaan Kibbaatti Imalan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:21 0:00


XS
SM
MD
LG