Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophyaan Dirooniitti Fayyadamuun Yaaddoo Ta’uu Dubbatu Taajjabdoonni


FAAYILII - Maqalee bakka haleellaan qilleensarraa itti geggeeffame, Onk. 20, 2021
FAAYILII - Maqalee bakka haleellaan qilleensarraa itti geggeeffame, Onk. 20, 2021

Diroonii walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessatti mootummaan fayyadameef kan saaxilaman siivilota akka ta’an namoonni ijaan arganii fi hojjettoonni gargaarsaa dubbatniiru. Namoonni baabura midhaan dhaaku cina turan wal waraansa Itiyoophiyaa keessatti meeshaa waraanaa ijoo kan ta’e kanaan haleellaan irratti raawwate.

Itiyoophyaan Dirooniitti Fayyadamuun Yaaddoo Ta’uu Dubbatu Taajjabdoonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:05 0:00

Naannoo Tigraay keessatti Amajjii 10 naannoo Tsebrii jedhamu keessatti kanneen miidhaan irra ga’e namoota 17 keessaa irra hedduun dubrtoota midhaan daakkachuuf walitti qabaman turan. kanneen ijaan argan akka jedhanitti samii naannoo sanaa irra balal’iuu dhaan haleellaa raawwatan.

Kanneen ijaan argan kun akka jedhanitti xayyaarawwan kun boombii utuu hin darbin dura samii irra naanna’aa turan. san booda uummati ni rifate, garuu daqiiqawwan hanga tokko booda martinuu sagalee dhukaasaa guddaa dhaga’anii iyyaa turan. dubartoonni, harreewwan illee du’uu arguu isnii hojjettoonni gargaarsa Ajence France-Pressf ibsaniiru.

Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti erga jalqaba bara 2022 qbee yoo xiqqaate haleellaa humnoonni qilleensaa raawwataniin naannoo Tigraay keessatti siviloonni 108 ajjeefmniiru. Haleellleen hangi tokko mooraa baqataa fi namoota qe’ee irraa buqa’an irratti raawwachuu tokkummaan mootummootaa beeksisee jira.

Dirooniin biyya alaatti hojjetaman muummichi ministeera a Itiyoophiyaa Abiy Ahimed wal waraans baatilee 15f tue keessatti humnootii Tigraay Irratti akka fuuleffatan gargaaree jira. Garuu hedduun haleellaa sivilota irratti raawwatu balaaleffachuu dhaan waa’ee dirooniiwwan kanaa gaaffii keessa galchan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG