Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bubbee Hamaa Maadaagaaskar Mudatee


Bubbee hamaa Maadaagaaskaar mudate
Bubbee hamaa Maadaagaaskaar mudate

Bubbee hamaa dhiyeenya kana Maadaagaaskaar mudateen lakkoobsii namoota du’anii Kibxata kaleessaa 29 dhaqqabuun ibsamee jira. Jiraattonni handaara galaanaas mana isaanii diigamee deebisanii ijaaruu fi caccabaa manichaa walitti qabuu jalqabanii jiru.

Bubbee hamaan moggaafama maqaa Saaykloon Batsirai jedhamu argate kun sambata dabree odoola galaana Hindii dhahee namoota kuma 91 manneen isaanii diigee kaan caccabsuu dhaabati gargaarsa yeroo balaa beeksisee jira.

Maadagaaskaariin balaan akkasii yeroo argatu torban lama keessatti yeroo lammataaf yoo ta’u Bubbeen Anaa jedhamuuf moggaafamte namoota 55 ajjeesuun kanneen kuma 100 fi kuma 30 ta’an harka caalaa isaanii biyyatti kaabaa bakka addaa irraa manaa fi qe’e irraa godaansisee jira.

Biyyi odoola irra jirtu Maadagaaskaar uummata Miliyoona 30 ta’u kan qabdu yoo ta’u biyyatti gama kibbaa keessatti hanqiina nyaataan kan caama hamaa fi yeroo dheeraa ture irraa maddeen rakkataa jiru.

Sagantaan nyata addunyaa akka jedhutti bubbee hamaan amma mudatee kun oomiisha sassaabamuuf torban lama hafee mancaasuun haala jiru daran hammeesse.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG