Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Kaanaadaa fi Amerikaa Wal Agarsisuu Hangi tokko Cufamuun Yaaddoo Uumee Jira


Kaanaadaa keessatti mormiin shofeerota kokolaataa fe’umsaa itti fufeera.
Kaanaadaa keessatti mormiin shofeerota kokolaataa fe’umsaa itti fufeera.

Shofeeronni kokolaataa fe’umsaa daandii daangaa kaanaadaa fi Yunaaytid istees wal agarsiisuu kan koonkolaataa hedduun irra deemu hanga tokko cufuun isaanii kan isaan yaaddeesse ta’u seera tumtoonni kaanaaadaa ibsanii jiru.

Shoofeeronni kun daandii hang tokko kan cufan dhukkuuba KOOVID 19 ilaalchisee ugguura ka’amee mormuun ta’uun beekamee jira.

Riqiicha Ambaasaaddar jedhamu kan biyyoota lameen giddu jiru irratti kan cufamee yoo ta’u daandiin sun daldala Amerikaa fi Kaanaadaa gidduu hundumaa keessaa harka 25 deddebisuuf gargaara. Mormiin kun naanoo daangaa Kaanaadaa bakka biraattis babal’ataa jira.

Ministeera qophaaiina yeroo hatattamaa kan ta’an Biil Bileeyer gutummaan hojitti deebi’uuf yeroon hin geenye jedhan.Shofeeronni garu hanga talaalii fudhachuun dirqama ta’uun dhaabatuutti akkasumas uggurri biroon ka’aman kaafamanti daandii irraa hin gallu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG