Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barreessaan Lammii Ugaandaa Ilma Prezidaantii Biyyattii Qeeqe Biyyaa Baqate


FAAYILII-Barreessaa lammii Ugaandaa Kakwenzaa Rukiraa
FAAYILII-Barreessaa lammii Ugaandaa Kakwenzaa Rukiraa

Ilma prezidaan Yoweerii Museveenii qeequu isaan himannaan kan irratti dhiyaate barreessaan lammii Ugaandaa biyya baqachuu isaa abukaatoon isaa dubbataniiru.

Abukaatoo Kakwenzaa Rukiraa-bashaijaa kan ta’an Eron Kiizaa VOAf akka ibsanitti barreessaan kun roobii kaleessaa biyyaa kan baqate yoo ta’u, kunis manni murtii paaspoortii isaa gad dhiisuufii erga didee guyyaa lama booda.

Kiizaan gaaffii fi deebii geggeessan irratti maamilli isaanii eessa akka jiran ibsanii jiran.
Sa’aatii afurii hanga shanii waan ta’u dura Ruwaandaa keessa ture. Karaa isaa mijeeffachuu yaalaa jira. Ugaandaa dhaa mala akkasiitiin ba’e jedhanii dhuma irratti gara Awrooppaa deemuuf mala ni brabaada jedhan.

Kakwenzaan sirna badhaasaa waldaa barreessitoota PEN Internaational jedhamu irratti hirmaachuu akkasumas ennaa waraanni Uganda isa qabee turetti dararaa irra ga’ee jedhameen waan miidhameef wal’aansa akka argatuuf Jarmaniitti imaluuf manni murtii paasport isaa akka gad dhiisu gaafatee ture.

Kakweenzaan biyyaa baqachuu malee filannoo ka biroo hin qabu jedhan abukaatoon isaa.

Baatii darbe Ugaandaatti ambaasaadderri Jarmanii Maatiyaas Schauer, mana murtii Ugaandaaf xalayaa barreessuu dhaan Kakweenzaan gara Jarmaniitti akka imalu akka eeyamu gaafatanii turan. Ministeerri dhimmootii alaa kan Ugaandaa ambaasaadderichi dhimma keessoo keessa seenan jechuun xalayaa sana mormuun deebii kennanii jiran.

Filannoo bara 2026tti geggeessamu irratti kan Museveenii bakka bu’uu malu jedhaman ilmi isaanii Lt. Generl Muhoozii Kaiineruugba prezideentii Rwaandaa Paul Kaagaameef bilbiluu dhaan Kakweenzaan Rwanda keessa akka hin jiraanne natii himan jedhan jechuu dhaan Twitter irratti barreessanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG